Har’a irraa eegalee gurmaa’iinsi humna addaa jedhamu hin jiru- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Har’a irraa eegalee gurmaa’iinsi humna addaa jedhamu kan hin jirre ta’uu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan ibsan.

Hojiin humna addaa naannolee dhaabbilee nageenyaa federaalaafi naannoleetti gurmeessuu bakka jeneraalonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaafi Hoggantoonni olaanoon naannolee argamanitti gamaaggamameera.

Humnoonni addaa naannolee irra deebiin gurmaa’uun dhaabbata cimaa sab-daneessa ijaaruuf kan gargaaru ta’uu Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan waltajjichaan ibsaniiru.

Ityoophiyaan rakkoo nageenyaa keessaa saffisaan bahuu eeruun, mariin nageenyaa Piriitooriyaa haala gaariin hojiirra oolaa jiraachuu addeessaniiru.

Gurmaa’iinsi humna addaa naannolee ture seera qabeessa ta’uu dhabuun, naannolee gidduutti akka yaaddootti ilaalamuun akkasumas rakkoolee humnaan hiikuuf sochiin taasifamu gurmaa’iinsichi akka jijjiiramuuf dirqisiisuu eeraniiru.

Yeroo ammaa naannolee hundatti hojiin irra deebiin gurmeessuu cimee itti fufuu eeruun, har’a irraa eegalee gurmaa’iinsi humna addaa naannoo jedhamu kan hin jirre ta’uu dubbataniiru.

Caasaan nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaafi Poolisii naannoo ta’uu ibsuun, maqaa humna addaa naannootiin humni ergamas ta’e dirqama fudhatu kan hin jiraanne ta’uu addeessaniiru.

Kanaan booda bu’uura gurmaa’iinsa filataniin hojiin gara ramadamanitti geejjibsiisuufi leenjiitti galchuu kan hojjetamu ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment