“Har’a Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannootti Mana Barnoota Sadarkaa 1ffaa Birrii Miiliyoona 60 oliin Abbaa Qabeenyaa Yaadataa Juneeyiddiin ijaarame eebbifnee jirra.

Oromoon akka baratu, dammaquu fi dhaloota qaroome uumuuf sochiin qabsaa’onni buleeyyiin kaleessa taasisaa turan dorgomaa hin qabu.
Abbaan qabeenyaa Yaadataa Juneeyiddiis, faana hangafoota isaanii kaleessaa hordofuun dhaloota saayinsiifi teknoloojiin badhaadhee wabii biyyaa ta’e oomishuu keessatti gumaacha qaban bahatanii jiru.
Manni barnootaa har’a eebbifame kunis, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf sochii taasifamaa jiru, keessaatuu, hirmaannaa barataa dabaluun sirna baruufi barsiisuu walgitiinsa qabu lammii hundaan gahuu keessatti qoodni qabu guddaadha.
Fakkeenyummaa kana qabannee lammiin hundinuu humna, beekumsaa fi qabeenya qabnuun dhaloota dorgomaa fi cehuumsa biyyaa dhugoomsuu danda’u horachuuf gahee keenya haa bahannu.”Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan
Comments (0)
Add Comment