Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) –Shaampiyoonaa fiigicha mana keessaa Atileetiksii Addunyaa Chaayinaa Naanjiingitti dorgomamaa jiruun fiigichi xumuraa Atileetoota Itiyoophiyaa hirmaachisu lama ni gaggeeffamu.
Waaree booda sa’aatii 9: 28 irraa jalqabee dorgommii xumuraa meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti dorgomamuun Atileet Dirribee Waltajjii fi Gudaaf Tsaggaayiin ni eegamu.
Akkasumas sa’aatii 9:54 eegalee fiigichi xumuraa meetira 800 dubartoota gidduutti kan dorgomamu yoo ta’u, Atileet Tsiggee Dhugumaa fi Nigisti Geetaachoon Itiyoophiyaa bakka bu’uun Atileetoota eegamaniidha.
Itiyoophiyaan hanga ammaatti Meedaaliyaa Warqee 1 fi Meetii 1 argachuun addunyaarraa sadarkaa 4ffaarratti argamti.
Ameerikaam Ingiliziifi Kuubaan 1ffaa hanga 3ffaa qabataniiru.
Shaampiyoonaan fiigicha mana keessaa kun har’a xumura argata.
#Oromia #Ityoophiyaa