Finfinnee, Mudde 11, 2015 (FBC) – Waltajjiin marii qaamoolee haqaa naannoo Ummattoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajichaan rakkoolee qaamoolee haqaan wal qabatan ka’anii irratti mari’atameera.
Rakkoowwan malaammaltummaan wal qabatan yeroon furmaata yoo hin arganne hawaasni dhaabbilee haqaarraa amantaa dhabaa dhufa jedhameera.
Kaniinis, malaammaltummaafi hojmaatni badaan rakkoowwan ummatni ittiin dararamaa jiru ta’uu isaa ibsameera.
Rakkooleen kunnin yeroon furmaata yoo hin arganne ummatni dhaabbiilee haqaa irratti amantaa dhabaa akka dhufu Pireezidantiin Mana Murtii Waliigalaa naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa obbo Qocitoo Gabramaariyaam dubbataniiru.
Naannichatti rakkoolee kanneen hiikuun hawaasni murtee bilisa akka argatu hojjatamaa jira jedhaniiru.
Pireezidantii dhaabbata ‘Justice for all PF Ethiopia’ paastar Daani’el Gabrasillaasee gamasaaniitiin, haqnii fi olaantummaan seeraa akka kabajamuuf qaamooleen haqaa qindoominaan hojjachu qabu jedhan.
Ityoopiyaan biyya aadaa walitti bu’iinsii ittiin hiikamu hedduu qabdu ta’uu isii eeruun, aadaawwan kana seeraan deeggaruun haqa, araaraa fi nageenya mirkaneessuun barbaachisaadha jechuun ibsaniiru.
Pireezidantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaa Simal waltajicha irratti argamuun muuxannoo naannichaa qoodaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.