Haqa waloon nageenyaa waaraaf hojjechuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016 (FBC)- Haqa waloo hariiroo jabessaniin, tokkummaa biyyaalessaa, nageeyaa waaraa fi misoomaaf walta’iinsan hojjechuun akka barbaachisuu Ministeerri Nageenyaa ibse.

Mata duree “Ijaarsaa Nageenyaa fi biyyaa, faayidaalee biyyaalessaa bu’uuraa, eenyummaa waloo, duudhaale biyyaalessaa fi Sekkuulaariizimii” jedhuun abbootii amantaalee, jaarsolii biyyaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin waltajjiin marii Adaamaatti gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Obbo Taayyee Danda’aan haasawaa taasisaniin, yeroo garagaraatti tokkummaa lammiilee laaffisuuf yaaliiwwan garaagaraa taasifamaa turuu yaadachiisan.

Ajandaalee garaagaraa qaamoleen leellisanis walitti bu’iinsa fi tasgabbiin dhabamuuf sababa ta’uun midhaa geessisaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Waan ta’eefis seenessii waloo mul’isuun, tokkummaa biyyalessaa, waliigaltee waloo fi nageenya waaraaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Tokkummaa jabeessuuf tattaaffiiwwan taasifaman, keessumaa hayyoonni, abbootiin amantaalee, jaarsoliin biyyaa gahee isaanirraa eegamu akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Hirmaattonni marichaas gama isaaniin, nageenya biyyaalessaa fi nageenya lammiileef walta’iinsaan hojjechuun akka barbaachisu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment