Hanqinaalee tajaajila damee Haqaa naannoo Oromiyaatti muul’atan ilaalchisee mariin gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa hanqinaalee tajaajila damee Haqaa naannoo Oromiyaatti muul’atan ilaalchisee qaamolee haqaa naannichaa waliin marii gaggeesseera.

 

Maricharratti preezdaantoonni manneen murtii olaanaa godinaalee 13, hoggantoonni qajeelcha poolisii fi itti gaafatamtoonni Waajjira Haqaa hirmaataniiru.

 

Hudhaalee tajaajila damee Haqaarratti muul’atu ilaalchisee barreeffamni qorannoo dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Ajaje mana murtii malee nama hidhuun, sababoota garaagaraan yeroo hidhaa duraa dheereessuun, reebicha shakkamtootarratti raawwatamu, ajaje mana murtii kabajuu dhabuu fi bilisummaa abbaa seeraa ilaalchisee hanqinoota turan irratti mariin gaggeeffamuu ragaan Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

 

Hanqinoonni tajaajila damee haqarraatti muul’atu rakkoo nageenyaa naannichaatti muul’ataniif sababa ta’uu hirmaattoonni marichaa kaasaniiru.

 

Hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjetamaan seera osoo hin cabsiin ta’uu akka qabu eerrameera.
Mariin eegalamee godinaalee hafan waliin yeroo itti aanu kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment