Hanqinaalee sirna nyaataa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) – Wabii Nyaataa mirkaneessuun hanqinaalee sirna nyaataa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Gabaasni Indeeksii Odeeffannoo Beela sadarkaa Addunyaa bara 2022 Ministeerri Qonnaa fi Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee deeggartootaa 2015 waliin ta’uun ifoomeera.

‘Ce’umsa sirna nyaataa fi bulchiinsa caasaa gara gadii’ mata duree jedhuun mariin gaggeeffameen kallattiin yeroo itti aanurratti kaa’ameera.

Mootummaan wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf imaammata, Tarsiimoo fi sagantaalee garaagaraa baasuun hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Guddina diinagdee mirkaneessuu, du’aatii daa’immanii hir’’isuu fi galmoota misooma waaraa milkeessuuf odeeffannoon biyyaalessaa fi idil addunyaa murteessaa ta’uu Dooktar Liyaan kaasuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment