Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen kallattii hojii bara 2017 kaa’aniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Manni Maree Federeshinii Sirna baniinsaa waloo gaggeessaa jiruun Pireezidaantii FDRI ta’uun kan moggaafaman Taayyee Atsiqasillaaseen haasawa baniinsaa taasiisaniin bara 2017 Guddina Diinagdee % 8.4 galmeessuuf tattaaffiin ni taasiifama jedhan.
Damee qonnaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojiileen Makaanaayizeeshinii misooma Jallisii caalmaatti cimsuuf ni hojjetama jechuun eeraniiru.
Hanqinaalee sharafa alaa fi liqaa waaraan furuuf hojiirra oolmaa fooyyessa imaammata diinagdee mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus kaasaniiru.
Bara 2016 daldala Alaarraa Galiin Doolaara biiliyoona 3.8 argamuu kaasuun, kunis kan bara 2015n yoo madaalle % 4.8 caalmaa qabaachuu himaniiru.
Qaala’iinsi gatii waliigalaan % 18 tti gadi bu’eera jedhan.
#Oromia #Ethiopia