Hanqina xaa’oo biyyoo xaa’oo uumamaan bakka buusuuf hojjetamaa jira- Hoggantoota Biirolee Qonnaa naannolee

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Hanqina xaa’oo biyyoo xaa’oo uumamaan bakka buusuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf  hojjetamaa jiraachuu hoggantoonni Biirolee Qonnaa naannolee ibsan.

Dhiyeessii xaa’oo biyyoo  daballii gatii fi sababoota biroorraan kan ka’e rakkoon mudachuu ibsmeera.

Naannoo Oromiyaaf xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 8.2 kan barbaachisu ta’us ga’een naannichi gama Ministeera Qonnaan argatu kuntaala miiliyoona 5.5 ta’uu Ittaanaan hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu  Gammachuu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Amaaraa Dooktar Haylamaariyaam Kaffayaalaw gamasaaniin bara oomishaa kanatti fedhiin xaa’oo naannichaa kuntaala miiliyoona 8 ta’uu fi hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 4 gara naannichaa galuu osoo qabuu kuntaalli miiliyoonni 1 qofti galuu himaniiru.

Naannichatti dhiyeessii xaa’oo biyyoon walqabatee rakkoo cimaan jiraachuu baatus yeroo walfakkaataa bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu gatiin isaa dacha oliin dabaluu hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Sidaamaa obbo Masfin Qaree eeraniiru.

Naannoleen kunneen hanqina xaa’oo isaan mudate furuuf xaa’oo uumamaa akka filannootti itti fayyadamuuf karoorfachuu ibsaniiru.

Bara oomishaa kanatti xaa’oo biyyoo barbaachisu kuntaala miiliyoona 19 keessaa bittaan xaa’oo kuntaala miiliyoona 12.8 raawwatamuun gara biyyaa imalchiifamaa jiraachuu yaadachiifameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment