Hanqina nyaataa fi sirna nyaataa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuun eerame

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC)-Damee qonnaan oomishtummaa guddisuuf tattaaffiiwwan taasifaman cinaatti misoomni gaggeeffamu sirna nyaataarratti kan xiyyeeffate akka ta’uuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Dameen qonnaa haqina sirna nyaataa hir’isuuf galma qabame milkeessuuf gahee murteessaa akka qabu ibsameera.

Rakkoo nyaataa fi sirna nyaataa dhiibbaa dhimmoota hawaasummaa fi diinagdeerratti qabaatu hubachuun nyaata albuudaaleen badhaadhan, nageenyummaan isaanii eegame, madaalawaa fi waliingahiinsa nyaataa fi fayyadamummaa fooyyessuuf hojiilee bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu ibsamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Oomishtummaa guddisuuf hirmaannaa taasifamuun, dhimma nyaataa fi sirna nyaataaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu kan ibse ministeerichi, kana milkeessuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu gahee isaanii akka bahatan gaafatameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment