Hanqina Mosaajii mudateen oomishaalee ‘Teslaa’ miiliyoona 2tti dhiyaatan fooyyeessuufi

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC)-Dhaabbata Abbaa qabeenyaa Elan Maski kan ta’e “Tesla Automotive” hanqina Mosaajii (Sooftweerii) konkolaatota miiliyoona 2’tti dhiyaatan ammayyeessuuf waamichi dhiyaate.

Waamichi dhiyaates Abbaan Taayitaa To’annoo Ameerikaa waggoota lamaaf qoranoo taasisaa turuun sirni “Auto play” konkolaattotaa rakkoo akka qabu beeksisuurraa kan ka’e ta’uun ibsameera.

Konkolaattonni kunneen sirni Driver Assistance yookaan kutaan konkolaachisaa tumsu gartokkeen hanqina qabaachuu bu’aan qorannoo abbaa taayitichaa mirkaneesseera.

Haaluma kanaan bara Faranjootaa 2015 eegalee Ameerikaa keessa kan socho’an konkolaattoota sirni “Auto play” dhaabameef miiliyoonaa 2tti dhiyaataan ammayyeessi moosaajii akka taasifamuuf dhaabbatichi waamicha dhiyeessuu BBC’n gabaaseera.

Dhaabbatichi dhimmichi salphaa akka ta’ee fi moosaajii konkolaattotaa bakkuma jiranitti ammayyeessuu qofaan yeroo gabaabaa keessatti akka furamu beeksisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment