Hanqina bishaan dhugaatii Harar furuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira-Obbo Ordiin Badrii

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)- Hanqina bishaan dhugaatii baroota dheeraa Magaalaa Harar furuuf hojiitti galamuu Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriin ibsan.

Obbo Ordiin waggoottan kurnan lamaa oliif hanqina bishaan dhugaatii turee furuf mootummaan xiyyeeffannaan hojjechaa turuu yaadachiisan.

Fageenya kiiloo meetira 70 ol deemamuun boolli bishaanii naannawaalee Dirree Dhawaa Hasaliisoo fi Dirree Jaarraatti qotaman akka fakkeenyatti eeraniiru.

Hammi bishaanii Dirree Dhawaa hir’achaa dhufuu, addaan ciccittinsi human elektirikaa, bishaan dhugaatiin hir’isuu fi baay’inni ummataa dabaluun ka’umsa rakkichaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Pirojektii babal’isa bishaan dhugaatii Ereriin, hamma bishaan naannawichaa guddisuuf hojiileen dandeessisan gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaas naannawichatti hojiin qotiisa boolla bishaan gadi fagoo sadii xumuramuun, hojiin diriirsa sararaa fi human elektirkii gaggeeffamaa jiraachuus kaasaniiru.

Yeroo gabaabaa keessattis hawaasaaf tajaajalaa kennuun akka eegalamuu kaasaniiru.

Dabalataan, hanqina bishaan dhugaatii Harar furuuf, Ministeeraa Jallisii fi Naannwaa Gammoojjii waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment