Hanna odeeffannoo ittisuufi imaammataa fi tarsiimoo nageenya saayibarii bocuurratti deeggarsi dhaabbilee barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Adoolessa 21,2014 ( FBC)- Hanna odeeffannoo ittisuufi imaammataa fi tarsiimoo nageenya saayibarii bocuurratti deeggarsi dhaabbilee gidduutti taasifamu barbaachisaa ta’uu ibsame.

Dhaabbanni Huwaawee Ityoophiyaa Abbaa Taayitaa Kominikeeshinii Ityoophiyaaf guyyoota sadiif leenjii nageenya saayibarii laachuu beeksise.

Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitichaa Injinar Baalchaa Reebaa saganticharratti argamuun hasawaa taasisaniin, Huwaaween “diijitaal Ityoophiyaa” ijaaruuf tattaaffii taasisaa jiruuf beekamtii kennuun dinqisiifataniiru.

Dhimmi nageenya saayibarii dhimma qaama biraarraa nuuf dhiyaatu osoo hin taane nuti tarsiimoo bocuun sirna ijaarrudha jedhaniiru.

Qaamoleen teeknooloojii saayibarii irratti hojjetan, dhaabbileen daldalaa, indaastiriiwwaniifi hoggantoonni hundi sirnoonni isaanii hattoota odeeffannoof akka hin saaxilamneef imaammataa fi tarsiimoo bocuun walta’iinsaa fi itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan Huwaawee Ityoophiyaa Cheen Miingliyaang gamasaaniin, Addunyaan gama marsariitiin gara ganda tokkootti dhufaa jiraachuufi teeknooloojiin yeroo kamiyyuu caalaatti walitti hidhamaa jiraachuu eeruun, hariiroo marsaritiifi teeknooloojii dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa raawwataniin sirnoota isaanii eeguuf nageenyi saayibarii hojiirra ooluun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Leenjichi rakkooleefi xiinxala nageenya saayibarii idil addunyaa, bulchiinsa nageenya saayibarii, nageenya 5Gfi Huwaaween sirna nageenya saayibarii diriirsuu keessatti tajaajila mirkaneessa nageenyaa kennu kan xiyyeeffate ta’uu eeramuu ragaan Huwaawee Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment