Hanna Keebiliirratti gaggeeffamurraan kan ka’e tajaajila geejjibaa kennuu hin dandeenye- Tajaajila Geejjiba Baaburaa salphaa magaalichaa

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC) – Hanna Keebiliirratti gaggeeffamurraan kan ka’e tajaajila geejjibaa kennuu kan hin dandeenye ta’uu Tajaajilli Geejjiba Baaburaa salphaa magaalaa  Finfinnee beeksise.

Har’a dabalatee guyyoota 7’f tajaajila geejjibaa kennuu kan hin dandeenye ta’uu hojii gaggeessaa olaanaan tajaajilichaa Obbo Muluqan Asaffaa Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Hanni keebilii bakkeewwan heduutti raawwatamuu fi saamichi naannoowwan Sabaattenyaa, Lidataa fi Haayaatitti raawwate agarsiistuu ta’uu eeraniiru.

Hawaasni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun eegumsa taasisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Tajaajila addaan cite eegalchiisuuf hojjettoonni dhaabbatichaa tumsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Siisaay Geetinnattu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment