Finfinnee, Eebla 10 ,2015 9FBC)- Hangaariin hariiroo daldalaa Ityoophiyaa waliin qabdu fooyyessuuf kan hojjettu ta’uu ibsite.
Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan jila Ministira Dhimma Alaafi Daldalaa Hangaarii Piitar Siyaartoon durfamu waliin mari’ataniiru.
Hariiroon daldalaa biyyoota lameenii hanqina kan qabu ta’uu Obbo Gabramasqal Caalaan eeraniiru.
Haalota hariiroo daldalaa biyyoota lameenii cimsuu danda’an mijeessuun hariiroo daldalaa biyyoottan lameenii daran cimsuuniifi hanqina madaala daldalaa furuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Ministira Dhimma Alaafi Daldalaa Hangaarii Piitar Siyaartoon gamasaaniin, Hangaariin oomishaalee qonnaa Ityoophiyaarraa galchuun hariiroo daldalaa biyyoota lameenii fooyyessuuf kan hojjettu ta’uu ibsuusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen Hangaariis Ityoophiyaatti dameewwan qonnaa, bishaanii, inarjii magariisaa, misooma sooftiweeriifi misooma sanyii filatamaarratti bobba’uun hariiroo daldalaa biyyoota lameeniifi fayyadamummaa diinagdee guddisuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.