Hanga xumura Baatii Waxabajjiitti oomishni kuntaalli miiliyoonni 1.5 walitti qabame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Hanga xumura Baatii Waxabajjiitti oomisha kuntaala miiliyoona 1.5 walitti qabuu Ejansiin Hojii Gamtaa Federaalaa beeksise.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan daballii gatii seeraan alaa ittisuu fi hanqinni oomishaa akka hin muuddanne Waldaalee Oomishtootaa Hojii Gamtaa naannoolee waliin ta’uun oomishni kuntaallii miiliyoonni 1.5 walitti qabamuu ibsameera.
 
Oomisha walitti qabame keessaa kuntaala kuma dhibbi 8 fi kuma 75 ol hawaasa shamattootaaf gatii madaallawan dhiyeessii himameera.
 
Dhiyeessiin oomishaalee itti fufiinsaan akka dhiyaatuuf Ejansiin Hojii Gamtaa Federaalaa, Ejansii Hojii Gamtaa naannolee waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ragaan ejansichaa argame ni muul’isa.
 
Waldaaleen Hojii Gamtaa hawaasa harka qalleeyyiif deeggarsa Birrii miiliyoona 49.7 taasisuus ibsameera.
 
Deeggarsa kana kan taasisan Waldaaleen Hojii Gamtaa kuma 2 fi 42 ta’uu eerrameera.
Comments (0)
Add Comment