Hanga juuntaan barbadooftutti waan hundumaan Raayyaa ittisa biyyaa cinaa ni hiriira- Jiraattota Magaalaa Naqamteefi Godina Wallagga Bahaa

 

Finfinnee, Hagayya 2, 2013 (FBC)- Jiraattonni Magaalaa Naqamteefi aanaalee Godina Wallagga Bahaa hiriira nagaa bahanii gocha juuntaan biyya diiguuf hojjechaa jiru balaaleffataniiru.
Dhaadannoo TPLF diina Ummata Itoophiyaati, Gaachana Raayyaa ittisa biyyaa taanee dhumiinsa Juuntaa ariifachiifinee gara misoomaa keenyaatti ni deebina kanneen jedhaniifi kan biroos dhageessisuudhaniiru .
Namoonni hiriiricharratti hirmaatan, hanga juuntaan barbadooftutti waan hundumaan Raayyaa Ittisaa keenya cina ni hiriira jedhan.
Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Naqamtee obbo Bariisoo Tamasgeen, Itiyoophiyaan biyyaa gootaati, eenyuufuu hin jilbeeffattu,Hin diigamtus jedhan.
Kanaafuu yeroo gabaabaa keessatti akka barbadooftee gara misooma keenyaatti akka deebi’nuuf deggarsa gooticha Raayyaa Ittisaa keenyaaf gootan cimsitanii ittifufuu qabdu jedhan.
Bulchaan godina Wallagga bahaa obbo Alamaayyoo Tasfaa gama isaaniitiin, Ummanni Godiichaa,yeroo juuntaan gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti miidhaa geesse obbolaawwansaa Itiyoophiyaa waliin ta’ee deggarsa barbaachisu Raayyaa Ittisa Biyyaaf waan taasiseef guyyaa gabaabaa keessatti barbadooftee turte.
Tokko taanee akkuma kaleessa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya humnaan, Maallaqaafi galaadhaan deggarree yeroo injifannoo kanaa gabaabsuu qabnas jechu isaani OBN gabaaseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment