Hanga ammaatti xaa’oon biyyee kuntaalli miiliyoona 11 ol biyya keessatti geejjibameera-Koorporeeshinicha

Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)- Hanga ammaatti xaa’oon biyyee kuntaalli miiliyoonni 11 fi kuma 882 fi 117 gara biyya keessatti geejjibsiifamuu Koorporeeshiniin Hojiilee Qonna Ityoophiyaa beeksise.

Koorporeeshinichi bara oomishaa 2015/16’f biyya alaarraa xaa’oo bite keessaa kuntaalli miiliyoonni 13 fi kuma 975 fi 520 keessaa 96.4 Buufata Doonii Jibuutii ga’uu ibseera.

Xaa’oo buufaticha qaqqabe keessaa kuntaalli miiliyoonni 11 fi kuma 882 fi 117 gara biyya keessaatti geejjibsiifamuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Guyyaa kaleessaa dooniin yuuriyaa kuntaala kuma 524 fi 670 feete Buufataa Doonii Jibuutii qaqqabuun kan eerame yoo ta’u, dooniin dabalataan yuuriyaa kuntaala kuma 500 feetes dhiyeenyatti buufaticha akka qaqqabdu eegama.

Koorporeeshinichi bara oomishichaaf xaa’oo kuntaala miiliyoona 13 fi kuma 970 ol bite keessaa kuntaalli miiliyoonni 2 fi kuma 788 fi 940 NPS, kuntaalli miiliyoonni 5 fi kumni 686 fi 580 NPS Booroon, akkasumas kuntaalli miiliyoonni 5 fi kumni 500 yuuriyaa ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment