Hanga ammaatti namoota vaayrasiin koroonaa irratti argame keessaa 34 jiraattoota naannoo Oromiyaa ta’uu himame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Sa’aa 24 darbe keessatti namoota 518f qorannoon laabraatoorii taasifameen vaayrasichi nama tokkorratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksiseera.
 
Namni guyyaa har’aa vaayrasii koroonaan qabamuun isaa mirkanaa’e jiraataa magaalaa Sabbataa yoo ta’u, nama umrii waggaa 40 ta’uu biirichi beeksiseera.
 
Seenaa imala alaa kan hin qabne yoo ta’u, tuttuqaa qabaachuu fi dhabuun isaa qoratamaa jira jedhame.
 
Naannichaatti waliigala namoonni vaayrasichaan qabaman 34 qaqqabaniiru.
 
Namoonni 11 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Namoonni 22 ammoo yaalarratti argamu.
 
Waliigala akka Oromiyaatti namoota kuma 65 fi 199f qorannaan laabraatoorii taasifameera.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 731 qaqqabeera.
 
Ityoophioyaatti namoota 91,616 qorannaan laabraatoorii taasifameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment