Finfinnee, Bitootessa 25, 2015 (FBC)- Hanga ammaatti lammiileen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 131 gara biyyaatti deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Guyyaa har’aa lammiileen Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaatti deebi’aniiru.
Deebitoonni wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi qondaaltonni biroon simataniiru.
Baatii Bitootessaa bara 2014 eegalee lammiilee Ityoophiyaa haala rakkisaa keessa turan gara biyyatti deebisuuf hojiilee qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaniin hanga ammaatti lammiileen kumni 131 deebifamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon, deebitoonni jireenyaa mijataa fi bu’aa qabeessaa akka qabaatan gochuuf ministeerrichi qaamolee dhimmi ilaalatu waliin ni hojjeta jedhaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.