Hanga ammaatti lammiileen Ityoophiyaa kumni 28 Sa’uud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC)- Baatiiwwan lamaan darabanitti lammiileen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 28 gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Hojiin lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa, manneen hidhaa fi giddugala tursiisaa keessa turan Bitooteessa 21,2014 eegaluun isaa kan yaadatamudha.

Baatiiwwan lamaan darbanitti balalliiwwan xiyyaaraa torbanitti yeroo sagal taasifamaniin hojiin lammiilee gara biyyaatti deebisuu itti fufuu fi hanga ammaatti lammiileen kuma 28 ta’an gara biyyaa deebisuun danda’amuu ibsameera.

Hojiilee lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuu hanga ammaatti hojjetamerratti gabaasni kan dhiyaate yoo ta’u, rakkoolee mudatanii fi hojiilee itti aanan ilaalchisee Koreen rawwachiisaa Biyyaalessaa guyyaa har’aa marii gaggeesseera.

Hanga Caamsaa 17,2014tti lammiilee gara biyyaatti deebi’an keessaa kumni 18 fi 676 dhiirota yoo ta’an, kumni 9 fi 308 dubartoota ta’uu gabaasichaan eerameera.

Lammiilee gara biyyaa deebi’aniif gidugaloonni tursiisaa sagal magaalaa Finfinneetti qophaa’anii tajaajila kennaa jiraachuu addeessameera.

Walitti qabduun korichaa fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon hojiileen lammiilee gara biyyaa deebisuu osoo addaan hin citiin akkaataa karoorfamen itti fufuu ibsaniiru.

Milkaa’ina hojii kanaaf hojiin qindoominaa dhaabbilee hojicharratti hirmaatanii sababa tokko ta’uu kaasaniiru.

Baatiiwwan 7-11 keessatti lammiilee kuma dhibba 1 gara biyyaa deebisuuf karoorfamuu yaadachiisuun, yeroo hafetti ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment