Hanga ammaatti lammiileen hongeen miidhamaniif deeggarsi Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 50 taasifame

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC) – Hanga ammaatti lammiilee sababa hongeen rakkoof saaxilamaniif karaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa deeggarsi Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona50 taasifamuu ibsame.

Mootummaan naannoo Oromiyaa qaamolee lammiileef birmannaa taasisuun karaa Buusaa Gonofaa deeggarsa taasisaa turaniif sirna beekkamtii kennuu gaggeesseera.

Waamicha mootummaan taasise hordofuun sababa hongee Godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti muudateen lammiileen hedduu fi beeyladoonni miidhaaf saaxilaman dandamachiisuuf dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa deeggarsa lammii isaanitiif taasisaa turaniiru.

Haaluma kanaan, Birrii miiliyoonni19.6 lakkoofsa herreegaa Buusaa Gonofaa Oromiyaatti galii ta’uu eerameera.

Waliigala Birrii miiliyoonni dhibbi1 fi miiliyoonni waadaa kan galame yoo ta’uu, birriin callaan walitti qabame miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 17 ol karaa Buusaa Gonofaa galii ta’uu eerameera.

Deeggarsi akaakuu Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 44 olitti tilmaamu karaa Buusaa Gonofaatiin lammiileef taasifameera.

Walumaagalatti hanga ammaatti waamicha Mootummaan taasiseen lammiilee sababa hongeen Godinaalee Oromiyaa keessatti rakkoof saaxilamaniif dhaabbilee dhuunfaa, Abbootin qabeenyaa, waldaalee garaa garaa fi namoota dhuunfaa irraa karaa Buusaa Gonofaatiin deeggarsi miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 50 taasifamuu Itti aanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin sirna beekkamtii laachuu kanarratti ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment