Hanga ammaatti lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsi Birrii miiliyoona 210.5 olii taasifamuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 1, 2016 (FBC)- Godina Goofaatti balaa sigiga lafaan lammiilee miidhamaniif kan waadaa galame utuu hindabalanne hanga ammaatti deeggarsi Birrii miiliyoona 210.5 olii taasifamuun ibsame.

Deeggarsa taasifame keessaa Birrii miiliyoonni 92.5 mallaaqa callaa yoo ta’u, meeshaaleen garaagaraa ammoo Birrii miiliyoona 118’tti kan tilmaamamu ta’uun eerameera.

Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa dabalatee hirmaannaa lammiileen taasisaaniin miidhamtootaaf deeggarsi namoomaa barbaachisaan dhiyaachuu Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obboo Xilaahuun Kabbadaan dubbataniiru.

Mootummaan naannichaa rakkocha waarinaan furuuf karoora baasuun qaamolee dhimmichi ilaalatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan lammiilee buqqa’an fi balichaaf saxilamoo ta’an, naannawaa soda balaa hinqabne qubsiisuu fi gara jireenya idileetti hojiin deebisuu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Balaa sigiga lafaa mudateen abbootiin warraa 600 ol kan buqqa’an yoo ta’u, lammiileen kuma 15 ol ammoo naannawaa balaaf sodachisaa keessatti akka argaman adda baafamuun eeramuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment