Finfinnee, Mudde 15, 2017 (FMC) – Hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 2 fi kumni 300 fi Kumni 62 ol qamadii Jallisii Boneen faca’uun kunuunfamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.
Hoogganaa Itti Aanaan biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaatti qamadii jallisii Bonaa facaasaniiru.
Bara kana lafa hektaara miiliyoona 4 qamadii Bonaan misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 2 fi kumni 800 fi kumni 66 qophaa’ee hektaara miiliyoona 2 fi kum 300 fi kuma 62 irratti faca’uun Kunuunfamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka Godina Gujii Lixaatti Jallisii Bonaan qamadii lafa hektaara kuma 100 fi kuma 3 misoosuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuman 85 ol faca’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Gujii Lixaa Obbo Tukee Annaan ibsuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.