Hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 2.1 Qamadiin misoome – BQO

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC) – Oromiyaatti Qonna Gannaan lafa hektaara miliyoona 2.2 qamadii misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri miiliyoonni 2.1misoomuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.

Jilli Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan durfamu Godina Baalee Bahaatti qonnaan bultootaafi hooggansa Godina Baalee Bahaa waliin qamadii facaaseera.

Akka godina Baalee Bahaatti qonna Gannaatiin qamadii lafa hektaara kuma 291 irratti misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 91 faca’uufi kan hafe immoo yeroo gabaabaa keessatti facaasuun xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Karoora xiiqii misooma qamadii Gannaan lafa hektaara miiliyoona 2.2 misoomsuuf qabame karooraa oli milkeessuuf godinaaalee Baalee lamaanitti facaasaan qamadii haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu Obbo Bariisoon eeruu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment