Hanga ammaatti lafa hektaara kuma 270 ol irraa Qamadiin faca’eera-BQO

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC )- Misooma qamadii Bonaa bara 2017tiin hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 658 fi 418 qophaa’uun, hektaarri kuma 270 fi 209 faca’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Godina Shawaa Lixaa Aanaalee Ejersa Lafoo, Ejeree fi Walmaraatti facaasaan qamadii Bonaa gaggeeffameera.

Hoogganaa Itti Aanaan Biirichaa Obbo Eliyaas Kadiir, bara kana aanaalee fi magaalota laga Awaashiin wal-daangessanitti qamadii Bonaan misoomsuuf karooramee jiidhinsa amma jiruun facaasaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Karoorri qabame akka milkaa’uuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Diidhaa Guddataa barana godinichatti misooma qamadii bonaa lafa hektaara kuma 500 irratti misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsuun, yeroo ammaa aanaalee laga Awaashiin waldaangessanitti lafa hektaara kuma 80 facaasuuf xiyyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan Bultoonni Aanaalee kanneenis jiidhina amma jiruun qamadii facaasuun fayyadamoo ta’uuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Barana Naannoo Oromiyaatti Qamadii bonaan lafa hektaara miiliyoona 4 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 163 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment