Hanga Ammaatti Kompoostiin idilee Meetir kiyuubiin miiliyoonni 27 ol qophaa’eera-BQO

Finfinnee, Fulbaana 10, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti fayyummaa fi gabbina biyyee foyyeessuu fi oomishaaf oomishtummaa qonnaa dabaluuf xaa’oo umamaa bal’inaan qopheessaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Haaluma kanaan Bara 2017tti kompoostii idilee Meetir Kiyuubii miiliyoona 250 fi kompoostii raammoo kuntaala miiliyoona 4 qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Biiroo Qonna Oromiyaatti Daayrektarri Misoomaafi Fooyyessa Gabbina Biyyee Obbo Isheetuu Laggasaa ibsaniiru.

Hanga ammaatti kompoostiin idilee Meetir Kiyuubii miliyoonni 27.5 fi kompoostiin raammoo kuntaalli kuma 472 fi 750 qophaa’uu Obbo Isheetuun eeraniiru.

muuxannoo gaarii bara darbe argame caalmaatti babal’isuuf giddugaloota qophii kompoostii raammoo 253tti hojiitti galamuu ibsuu ragaan Biiroo Qonna Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment