Hanga ammaatti Biqiltun Bunaa biiliyona 2.6 qophaa’eera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)- Biqiltuu bunaa biiliyoona 2.5 ta’u qopheessuuf karoorfamee, hanga ammaattii, karooraa ol, biqiltuu biiliyona 2.6 qophaa’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan eeran.

Pireezidaanti Shimallis Gama miidiyaa hawaasumma isaanin akka ibsanitti, galmoota afran gama sektara qonnaatiin milkeessuuf qabaman keessaa tokko, baay’ina, gosaafi qulqullina omishaalee al-ergii dabaluun, dandii milkaa’inaa qabateera jedhan.

Keessumaa hojiin inisheetivii misooma bunaa bara 2011 Magaalaa Naqamteetti, “Labsii Naqamtee” jedhuun erga iftoomee as bu’aa biyyaa fi naannoo keenyaaf argamsiisaa jiru cinaatti, qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu ibsan.

Inisheetivichi bara 2011, biqiltuu bunaa miiliyoona 997 dhaabuun kan jalqabame ta’uu kan yadachiisaan Pireezidaat Shimallis bara 2015 biqiltuu bunaa bil. 1.33 dhaabuu dandeenyerra.

Waggoota shanan darban, lafa haaraa hektaara kuma 866 ol irrati biqiltuu bunaa biiliyoona 5.4 ol kan dhaabamee ta’uu, kana keessaa walakkaatti kan dhiyaatu godinaalee Wallaggaa afraniin kan hojjetaman ta’uu kaasan.

Sochii taasifneen, uwwisa buna naannoo keenyaa bara 2011 lafa hektaara miiliyoona 2 irra ture, bara 2015 gara hektaara miiliyoona 2.9’tti olguddachuu himan.

Bifuma walfakkaatuun, uwwisa bunaa omisha kennu, bara 2011’tti hektaara kuma 966 irra ture, bara 2015 gara hektaara miiliyoona 1.31’tti olguddachuu dubbatan.

Gama kanaan gaheen godinaalee Wallaggaa gama lachuunuu ture olaanaadha jedhan.

Bara kanas, biqiltuu bunaa biiliyoona 2.5 ta’u qopheessuuf karoorfamee, hanga ammaatii, karooraa ol, biqiltuu biiliyona 2.6 qophaa’uun himan.

Raawwii hanga ammaatiin biiliyoona 2.6 qaqqabe keessaa, gaheen (raawwiin) godinaalee Wallaggaa afranii walakaatti kan dhiyaatu (biiliyoona 1.13 ol) ta’uu ibsan.

Akkasumas, bara omishaa 2016, uwwisa buna omisha kennu, hektaara miiliyoona 1.45 gahuuf karoorfamee hojjetamaa akka jirus akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment