Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) – Koreen Biyyaalessaa lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf hundaa’e hanga ammaatti lammiilee kumni 40 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibse.
Korichi baatiiwwan darbanitti hojii lammiilee gara biyyaa deebisuurratti hojjetaman ilaalchisee marii gaggeesseera.
Hanga yoonaatti balallii marsaa 111n lammiilee kuma 40 gara biyyaa deebisuun danda’amuu Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektar Jeneraalli Dhimmoota Qoonsilaa Ambaasaaddar Siiraaj Rashiid eeraniiru.
Hanga baatii warra faranjootaa Waxabajjii 22,2022tti lammiilee kuma 102 gara biyyaa deebisuuf karoorfamee %40 karoorichaa milkeessuu kaasaniiru.
Fuulduratti sochii lammiilee gara biyyaa deebisuuf taasifamurratti hanqinaalee mul’atan sirreessuun hojimaata qindaa’aan karoora qabame milkeessuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.