Hanga ammaatti Adeemsi ajandaa walitti qabuu naannoleetti gaggeeffame milkaa’eera-Pirof. Masfiin Ar’ayaa

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC)- Hanga ammaatti adeemsi ajandaa walitti qabuu naannoleetti gaggeeffamee milkaa’aa ta’uu komishinarri Komishinii Marii biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ar’ayaan ibsan.

Pirofesar Masfiin, ibsa miidiyaaleef kennaniin hojiin ajandaa walitti qabuu hanaga ammaatti Bulchiinsa Magaalota Finfinnee fi Dirree Dawaa, naannolee Beeniishaangul Gumuz, Hararii fi Gaambeellaatti gaggeeffamuu yaadachiisan.

Adeemsi ajandaa walitti qabuu kunis milkaa’aa ta’uu eeraniiru.

Hojiin ajandaa walitti qabuu Naannoo Sidaamaatti gaggeeffamaa jiru boru, Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti ammoo guyyoottan afran dhufan akka xumuramu dubbataniiru.

Adeemsichi naannolee biroottis akka itti fufu beeksisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment