Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC)- Hanga Adoolessa 23, 2015’tti xaa’oon kuntaalli miiliyoona 3 fi kuma 685 ol dabalataan biyya alaarraa akka geejjibsiifamu Koorporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Ityoophiyaa ibse.
Xaa’oo alaarraa geejjibsiifamu kana keessaa yuuriyaa kuntaala miiliyoona 2 fi kuma 485, NPS kuntaala kuma 600 fi NPS Booroon kuntaala kuma 600 ta’uu ibsameera.
Koorporeeshinichi qonnaa 2015/16’f xaa’oo biyyee kuntaala miliyoona 15 bite keessaa hanga Adoolessa 3, 2015’tti kuntaalli miiliyoona 10 fi kuma 275 fi 320 biyya alaarraa geejjibsiifamuu ibseera.
Guyyaa kaleessaas dooniin xaa’oo NPS Booroon kuntaala 600 feete buufata Jibuutii ga’uu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
Xaa’oo buufaticha ga’e keessaa hanga ammaattis kuntaalli miiliyonni 8 fi kuma 487 fi 429 biyya keessa galfamuun qonnaan bultootaaf raabsamuun ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.