Handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti aadaa Oromoo babal’isuuf hojiin eegale cimee kan itti fufu ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) – Handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti aadaa Oromoo babal’isuuf hojiin eegale cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Ijaarsi Galma Tiyaatira Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalliittiitti eegalameera.

Ijaarsi Gamoo abbaa darbii 5, lafa kaareemeetira kuma 7 fi 133 irratti ijaaramu kun baasii Birrii biiliyoona 5 ol kan barbaachisu yoo ta’u, ijaarsichis walta’iinsa Dhaabbata Idil-Addunyaa Oromoo fi Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatiin kan raawwatamu ta’uu ibsameera.

Galma Tiyaatiraa sabootni, sablammoonniifi Ummattoonni biyyaattii hundi itti fayyadaman ta’uun isaa galmicha  adda kan taasisu ta’uu Preezdaantiin Dhaabbata Idil-Addunyaa Aadaa Oromoo obbo Taadiwoos Abdiisaaibsaniiru.

Galmichi ammayaawaafi ijaarsa sadarkaa Idil-Addunyaa haala eeggateen kan ijaaramudha jedhan.

Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan, motummaan Naannoo Oromiyaa Aadaa, Seenaafi Artii Oromoo guddisuufi Addunyaatti beekisiisuun hojiilee fakkeenyummaa gudda qaban hojjachaa akka jiru ibsanii, magaalaan Finfinnee Handhuura Oromiyaa ta’uun ishee maqaadhaan qofa osoo hin taane, qe’ee isaatti kan eenyummaa isaa itti guddisuufi itti calaqisiifatu ,dinagdee itti horachuun abbaa biyyuummaa isaa itti mirkaneeffatu qabatamaan kan itti agarsiisnudha jedhaniiru.

Hojii geggessituun olaantuun kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aadde Habiibaa Siraaj gamasaaniin, milkaa’ina ijaarsa kanaatiif lafti kutaa magaalichaatiin kennamuu ibsuun, hanga xumuraatti hojicha kan deeggaran ta’uu himaniiru.

Handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti aadaa Oromoo babal’isuuf hojiin eegale cimee kan itti fufu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mulisa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment