Hammi hoo’inni addunyaa Digirii seelsheesii 2.7 dabaluu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Hammi hoo’inni addunyaa Digirii seelsheesii 2.7 dabaluu Dhaabbannii Mootummoota Gamtoomanii ibseera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti sagantaan jijjiirama qabeenya Qilleensaa dabaluu hoo’inaa ilaalchisee Iskootilaand magaalaa Gilaasigootti marii gaggeessaa jira.
Hoo’inni addunyaa haala yaaddeessaa ta’een dabalaa jiraachuu maricharratti ka’eera.
Tarkaanfiiwwan faallama qilleensaa hir’isuuf taasiifamu dadhabaa ta’uun hammi hoo’ina addunyaa akka dabaluuf sababa ta’uu dhaabbatichi gabaasa isaan eereera.
Keessattuu faallama qilleensaa hir’isuuf waliigalteen idil addunyaa hojiitti hiikkamuu dhabuun rakkoo ijoo ta’uu ibsameera.
Yeroo ammaa sadarkaa Addunyaatti hammi hoo’ina giddugaleessan digirii seelsheesii 2.7 dabaluu himameera.
Miseensonni biyyoota garee 20 faallama qilleensaa muudate keessaa % 78 qooda qabaachuu dhaabbatichi ifoomseera.
Biyyoonni kunneen waliigaltee Jijjiirrama qabeenya qilleensaa hojiitti hiikuu akka qaban eerameera.
Maddi:-Al Jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment