Hammeenya vaayrasii koroonaa ilaalcha keesa galchuun tarkaanfii of eeggannaa cimsuun ni barbaachisa- obbo Dammaqaa

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Hammeenya weerara vaayrasii koroonaa ilaalcha keesa galchuun tarkaanfii of eeggannaa fudhachuun ni barbaachisa jedhan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan.
 
Tarkaanfiin of eeggannoof fudhatamu cimee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru.
 
Koreen ittisa weerara vaayrasii koroonaa sadarkaa ministirootaa ittisaa fi to’annoo vaayrasichaarratti mari’ateera.
 
Obbo Dammaqaanis weerarri vaayrasichaa dabalaa dhufuun, hojiin of eeggannaa, ittisaa fi to’annoo cimuu akka qabu muul’isa jedhan.
 
Tamsa’innisaa magaalaa Finfinneetti dabalaa dhufuun, yaaddessaa isa taasisa jedhan.
 
Guutuu biyyattiitti kan qorataman keessaa %70 kan ta’an magaalaa Finfinneerraa ta’uutu ibsame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment