Hammattoon waliigaltee tumsa laga Naayil kaleessa gara raawwitti gale, haqa qabeessummaan kan mirkaneessudha – Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC) – Hammattoon waliigaltee tumsa laga Naayil hojiitti galuun seerota duraanii haquun haqa qabeessummaan kan mirkaneessu ta’uu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaan ibsan.

Seera qaama tokko fayyadu kan hanbiseedha jedhan.

Hammattoo qaama kamiiyyuu hin miine waliin misoomuufi guddachuuf kan kaayyeeffate ta’uu Dooktar Injinar Haabtaamuun ibsaniiru.

Hammattoon tumsa seeraa kun keeyyata 45 qabaachuu himaniiru.

Fayyadamummaa waloo fi odeeffannoo waljijjiiruu dabalatee qajeeltoowwna adda addaa kan of keessatti hammatu ta’uu ibsaniiru.

Seerichi qaama kamuu miidhuuf kaayyoo kan hinqabne tumsaan misoomsuu fi galma fayyadamummaa waloo bu’uura kan taasiiseedha jedhan ibsa isaaniin.

Hammattoon seeraa kun hojiirra akka oolu qaamolee qooda qaban hunda galateeffataniiru.

Hammattoon kun Itiyoophiyaaf injifannoo guddaa ta’uu dubbataniiru.

Daagimaawwii Deeksisaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment