Hamileen ummataa Paartii Badhaadhinaa fi mootummaaf ergaa guddaa kan dabarsee-Preezdaant Shimalliis

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaan naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan jiraattotaa guutuu Oromiyaatti hiriira deeggarsa bahaan galateeffaniiru.
Ergaa guutuun akka armaan gaditti dhiyaatera
Kabajamaa ummata naannoo keenyaa,
Hunda dura, kakahumsa dhuunfaa keessaniin hiriira nagaa ergaa gurguddaa of keessaa qabu qopheessitanii, calqabaa hanga dhumaatti qindooftanii hogganuun karaa nagaa waan xumurtaniif dinqifannaafi galata guddaa qabun ibsa.
Hiriirri deeggarsaa kaleessaa hanga har’aatti magaalotaafi godinaalee hunda keessatti geggeessuun rakkoo nageenyaa tokko malee xumurtan ergaawwan gurguddoo afur dabarsee jira. Inni tokkoffaan, ummanni naannichaa mirgaafi faayidaa argate sirnaan lakkaa’ee kan hubate, waan isa hafu guuttachuuf tarsiimoo ittiin qabsaa’u kan adda baafateefi gurmuufi walooma isaa kan cimsate ta’uu isaati.
Ergaa lammaffaan hiriira deeggarsaa ummata keenyaa kaayyoofi mul’anni hoggansa qabu qormaataan sakaalamee kan hin kufneefi firii lakkaa’amu galmeessaa duratti kan imalu ta’uu ifatti kan agarsiiseedha. Ummanni hiriiraaf ba’e kun jaalalaafi deeggarsa hoggansa ministeera muummee Dr Abiyyi Ahimadiif qabu wayita ibsu, “Waamichakee hunda ni dhageenya, ergamoota keenya hunda ni raawwanna!” ejjennoo jedhu qabateera. Injifannoowwan hoggansa paartii Badhaadhinaafi Dr Abiyyin hanga ammaatti galmaa’e dinqifachaafi galateeffachaa, deeggarsaafi tumsa hojii itti aanu raawwachuuf qabus agarsiiseera.
Sadaffaarratti, ummanni kaleessa wayita juntaa TPLF raayyaa ittisa biyyaa keenyarratti haleellaa raawwatu aariin wareeree daandiitti bahee xiiqii qabu agarsiise, har’a wayita raayyaan keenya injifannoo boonsaa argate kanattis kabajaafi aantummaan qabu ibsuuf hin callisu ergaa jedhu dabarseera. “Injifannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa Injifannoo Keenya!” jechuun, ergama kanaan booda nageenyaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf raayyaa ittisa biyyaa eeggatu hunda keessatti humna guutuun kan tumsu ta’uus ibseera.
Ergaa afraffaan hiriira deeggarsaa ummata keenyaa duudhaa ummatummaanis ta’e ilaalama siyaasa ammayyaatiin obbolummaa, walqixxummaafi jaalala cimsuudhaan biyyaafi ummata mijuu badhaadhinaarraa dhannamatu ijaaruuf kan hojjetu ta’uu agarsiiseera. Hamileen ummataa kun paartii badhaadhinaafi mootummaafis ergaa guddaa kan dabarseefi hojii itti aanuuf caalmaatti kan qopheesseedha. Kanaafuu, hojiiwwan nageenyaafi ol’aantummaa seeraa kabachiisuu, qonna bonaafi gannaa ciminaan itti fufsiisuu, galii mootummaa sirnaan walitti qabuu, pirojeektota misoomaa hunda yeroo qabaman keessatti ijaarree xumuruudhaan ummata fayyadamaa taasisuuf hojiiwwan nu eeggatan hunda si’oominaafi qulqullinaan raawwachuuf waadaa keenya ni haaromsina.
Xumurarrattis, ummanni kabajamaan injifannoowwan hanga ammaatiif beekamtii kennitan kun, ergamoota fuuldura keenyatti nu eeggatan hunda milkaa’inaan xumuruuf humna, beekumsaafi qabeenya qabdan hundaan akka nu tumsitan carraa kanaan waamichan dabarsa.
Ammas gamtaan gara injifannootti!
Shimallis Abdiisaa
Pir. BMN Oromiyaa
Finfinnee
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment