Hambaaleen Injifannoo Adwaan walqabatan 82 kennaman

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Waamichaa Dhiyaate Hordofee Dhaabbanni maatiin Emaadi Tireediingi (AMD Trading) Hambaalee Injifannoo Adwaan walqabatan 82 dabarsanii kennuu kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeeben ibsan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, hambaalee injifannoo Adwaa waliin walqabatan yaadannoo Godaambaa injifannoo Adawaa keessa akka kaa’amaniif kan harka isaanii jiru darbarsanii akka nutti kennan waamicha dhiyeessuu yaadachiisan.

Haaluma kanaan maatiin Emaadi Tireediingi ( AMD Trading ) hambaalee abbaa isaaniirraa amaanaan itti kenname 82 guyyaa har’aa kennaan dabarsanii kennuu beeksisaniiru.

Hambaaleen yeroo sanatti gootonni galaa itti qabatanii fi hidhannoowwan ta’an Godaambaa keessa ol kaa’amuun isaanii daawwattoota hedduu fi agarsiisa qorattootaaf kan dhiyaatan ta’as jedhan.

Hambaalee kabajaan kunuunsanii har’aan ga’an maatii Eemadi Tireedingi galateeffataniiru.

Agarsiisaaf akka dhiyaatu fi dhaloonni akka irraa barataniif hambaalee injifannoo Adwaa waliin walqabatan dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa harkaa isaanii jiru dabarsanii akka kennan irra deebiin Aadde Adaanech Abeebeen waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment