Hambaalee Injifannoo Adwaa walitti qabuun eegale

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Goodambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa keessaa kan ol kaa’aman hambaalee waraana Adwaan walqabatan kanneen harka nama dhuunfaa fi dhaabbilee garaagaraatti argaman walitti qabuun eegaluu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Qaamoolee hambaalee kanneen dabarsan galateeffachuun, qamooleen biroos fakkeenyumma isaanii hordofuun hambaalee injifannoo Adwaa fi gootuummaan yeroosiin walqabataan akka kennaan Aadde Adaanech waamicha dhiyeessaniiru.

Hambaleen bakkeewwan garaagaraatti faffaca’uun osoo seeraan hinbeekamin akka hinjijjiramneef, akka irraa bareeduuf, sirritti akka mul’ataniif Goodambaa Yadannoo Injifannoo Adwaa keessaa akka ol kaa’amanii fi daawwiif akka dhiyataaniif Aadde Adaanech dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment