Hamaas yaada murtoo dhukaasa dhaabuu Isiraa’eel dhiyeessite roga gaariin kan ilaalu ta’uu beeksiise

Finfinnee, Caamsaa 24, 2016 (FBC) – Hamaas yaada murtoo dhukaasa dhaabuu Isiraa’eel dhiyeessite roga gaariin kan ilaalu ta’uu beeksiiseera.

Yaada Murtoo Dhukaasaa dhaabuu Isiraa’ee dhiyeessite ilaalchisee Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ibsa taasiisaniiru.

Karoora jalqabaan dhukaasni guutummaatti akka dhaabbatu, waraanni Isiraa’ee naannawaa ummanni baay’atuu akka ba’uu fi Hidhamtoota waljijjiiruun yaada murtoo kana keessatti kan hammataman ta’uu ibsa isaaniin kaasaniiru.

Yaada murtoo Isiraa’eel dhiyeessite kana Hamaas akka fudhatu kan yaadachiisan Pireezidaanti Joo Baayidan, yeroon waraanni Gaazaa itti xumura argatu amma ta’uu ibsaniiru.

Waliigateen dhukaasa dhaabuu Isiraa’eel dhiyeessite kun torbeewwan 6’f kan turu yoo ta’uu, deeggarsi namoomaa gahaan Gaazaaf akka dhiyaatu kan dandeessisuudha jedhame.

Hamaas gama isaan Yaada Murtoo dhukaasa dhaabuu Isiraa’eel dhiyeessite kana roga gaariin kan ilaalu ta’uu beeksiseera.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniiyoo Guutareez gama isaaniin, miidhaa hamaan Gaazaarra ga’aa jiru xumura argachuu kan qabu yeroon isaa amma jedhan.

Erga walitti bu’iinsi Gaazaa eegalee hanga ammaatti Gaazaatti lammiileen kumni 36 ol ajjeeffamuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment