Hamaas waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheeratu gaafate

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC) – Waliigalteen Dhukaasa dhaabuu guyyoota arfan darbanii har’a xumuramuu hordofee Hamaas waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheeratu fedhii qabaachuu beeksiise.

Ugguramtoota yeroo jedhame keessatti gadi lakkisuuf tattaaffiin taasiifamus yeroon gabaabbachuurraa kan ka’e hundi milkaa’uu akka hin dandeenyi Hamaas beeksiiseera.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun dabalataan guyyoota 2-4 akka dheeratu fedhii qabaachuu ibseera.

Fedhii isaa kanas biyyoota jaarsummaa waliigaltichaan taa’an Kuwaataarii fi Ijiptiif ibseera.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota arfan darbaniin Hamaas Lammiilee Isiraa’eel 40 fi lammiilee biyya alaa 18 gadi kan lakkise yoo ta’uu, Isiraa’eel gama isheen lammiilee Filisxeem 117 gadi lakkisuu TRTn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment