Hamaas Qondaaltonni waraanaa 4 jalaa ajjeefamuu beeksise

Finfinnee, Sadaasa 16, 2016 (FBC) – Hamaas waraana gaggeeffamaa jiruun Qondaaltonni waraanaa olaanoon 4 jalaa ajjeefamuu beeksiseera.

Qondaalli waraanaa Hamaas Alqaasiim Birgeed ibsa baasaaniin, Waraana Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiruun Qondaaltonni waraanaa 4 Gaazaa Sarxutti ajjeefamuu mirkaneessaniiru.

Ajajaa Birgeedii Kaaba Gaazaa fi miseensi Mana Maree Waraanaa Hamaas Al Gaandoor kanneen ajjeefaman keessaa tokko ta’uu Reuters gabaaseera.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoo 4’f Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti gaggeeffame hordofee hanga ammaatti lammiileen Isiraa’eel Hamaasiin butaman 41 marsaa lamaan gadi lakkifamuu ibsameera.

Isiraa’eel gama isheen lammiilee Filisxeem mana hidhaa turan 78 gadi lakkisuu eerameera.

Akkasumas waliigalticha hordofee konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 248 gara Gaazaa seenuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera

Waraana qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen Filisxeem kumni 14 fi 500 ol yoo ajjeefaman, lammiileen Isiraa’eel kumni 1 fi 200 ol ajjeefamuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment