Haleellaawwan koorniyaa ittisuu fi deebii qabatamaaf waloon dhaabbachuun murteessaadha-Dooktar Ergoggee Tasfaayee

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC)–Haleellaawwan koorniyaa ittisuu fi deebii qabatamaan akka kennamu waloon dhaabbachuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen ibsan.

Waltajjiin marii Gamtaan biyyaalessaa kittaannaa shamarranii fi gaa’ila umrii malee ittisuu gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Dooktar Ergoggee Tasfaayeen haasawaa taasisaniin yakka sarbama mirga namoomaa suukanneessaa gaa’ila umrii malee fi kittaannaa shamarraaniirraa, daa’immanii fi dargoggeeyyii hedduu baraaruun danda’ameera jedhan.

Bu’aa jajjabeessan argames haleellaawwan shamarranirra ga’u ittisuurratti qabatamaa ta’uu akka qabu ibsanii, kunis xiyyeeffannaa waloo qaamolee haqaa, damee fayyaa, abbootii amantaalee, dhaabbilee siiviilii fi hawaasaa barbaachisa jedhaniiru.

Gaa’ila umrii malee fi kittaannaa shamarranii dhaabsisuuf karoora waggoota shanii qophaa’een hogganamuun hojiilee dhaabbileen waloonis ta’e dhuunfaan hojjetaniin bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan gaa’ila umrii malee fi kittaanaa shamarraanii ittisuun bu’aa argamsiisteen baatii darbe Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirraa beekkamtii argachuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment