Haleellaan gareen Alshabaab qaqqabsiisuuf ture fashalaa’e

Finfinnee, Fulbaana 21, 2016 (FBC) – Haleellaan gareen Alshabaab qaqqabsiisuuf ture Raayyaa Ittisaan fashalaa’uu ibsameera.

Garichi naannoo Somaalee aanaa Dolloo Addootti haleellaan ummataarratti qaqqabsiisuuf ture fashalaa’uu ibsameera.

Badanii balleessitoonni Keemikaala boba’aa jarikaan 6 fi rasaasa Bireenii kuma 3 qabachuun wayita haleellaa raawwachuuf socho’aa turan miseensota Raayyaa Ittisaa dirqamarra jiranii fi qaamolee nageenyaa aanichaan to’atamuu ibsameera.

Gareen kun irra deddeebiin yaalii haleellaa taasiisuus qindoomina Raayyaa Ittisaa, qaamolee nageenyaa fi ummaatan fashalaa’uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment