Haleellaan gareen ABUT raawwate gochaa gara jabinaa fi sukkaneessaa yakka idil addunyaan gaafachiisuudha – Boordii Sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Haleellaan gareen ABUT raawwate gochaa gara jabinaa fi sukkaneessaa yakka idil addunyaan gaafachiisu ta’uu Boordiin Sakattoo Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa ibse.
 
Boordichi haleellaa gareen ABUT Bahaar Daar, Goondar, Daanshaa, Humaraa fi Maaykaadiraatti raawwateen miidhaa qaqqabe daawwachuun haala waliigalarratti gabaasa dhiyeessera.
 
Gareen ABUT bobbaase lammiilee nagaa 700 irratti ajjeechaa jumlaa raawwachuu beeksiseera.
 
Haleellaan gareen finxaaleyyii ABUT lammiilee nagaarratti raawwate biyya keessatti qofa osoo hintaane yakka idil addunyaan kan gaafachiisu ta’uu boordichi ibseera.
 
Haleellaa raawwatameen lammiileen nagaa qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an naannoo Goondar qubatanii jiraachuu fi deeggarsi barbaachisuu taasiifamaafii akka jiru boordichi gabaasa isaan eereera.
 
Lammiileen miidhaan irra qaqqabe tajaajila yaalaa argachaa jiraachuus ibseera.
 
Lamiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsi namoomaa cimee itti fufuu akka qabu boordichi gabaasa isaan eereera.
 
Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment