Haleellaa Raayyaa Ittisaan nurra ga’e dandamachuu hin dandeenye – Hidhattoota ABUT

Finfinnee, Qaammee 1, 2014 (FBC) – Haleellaa Raayyaa Ittisaan nurra ga’e dandamachuu hin dandeenye jedhan Hidhattoonni ABUT harka laataan.
Booji’amtoonni kunneen waraana yeroo ammaa kanaan ergamni Amaaraa barbadeessuu qabdan jedhu itti laatamuu kaasaniiru.
Naannoo Tigraayitti dhiittaan mirga namoomaa olaanaa fi ukkaamsoon daraan hamaa ta’e irratti raawwatamuu himaniiru.
Dhiibbaa fi miidhaa maatii isaanirra ga’urraa ka’uun garichitti makamuu isaanii eeraniiru.
Waraana keessatti hirmaachuuf fedhii kan hin qabaanne ta’us hidhattoota garichaan dirqiin gara leenjii waraanaatti fudhatamuu isaanii ibsaniiru.
Waraana keessatti haleellaa Raayyaa Ittisaa dandamachuu dadhabuu hidhattoonni kunneen kaasaniiru.
Hidhattoonni hedduun isaan biraa wareegamuu himaniiru.
Hoggantoonni garichaa hedduun adda waraanaatti wareegamuu fi kan hafan baqachuu isaanii Booji’amtoonni kunneen dubbachuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment