Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Haleellaa iddoo hundatti qaqqabeef tarkaanfiin deebii qindoomina naannolee fi mootummaa federaalaan fudhatamaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Dooktar Abiy haleellaa Godina Wallagga Lixaatti lammiilee nagaarratti raawwate balaaleeffataniiru.
Ajjeechaa lammiilee nagaarratti raawwatteef gaddi itti naga’amuu ibsuun, maatii fi firroottan isaaniif jajjabina hawwaniiru.
Ityoophiyaan biyya wareegamaan ilmaan isheen ijaarramte, biyya wareegamaan itti fuftuudha jedhan.
Diinoota ishee barbadeessuuf tumsaa fi tokkummaan yaa dhaabbannu jechuun Fuula Tiwiitarii isaanirratti barreessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.