Haleellaa qaamaa fi xinsammuu dubartootarra ga’u ittisuu fi balaalleffachuun ga’ee lammiilee hundaati – Pir. Saahilawarq

Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC) – Haleellaa qaamaa fi xinsammuu dubartootarra ga’u ittisuu fi balaalleffachuun ga’ee lammiilee hundaa ta’uu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.
Dubartoota qixaan aangessuun hanga lafa hin qabannetti sirni haqaa fi Diimookiraasiin jira jechuun hin danda’amu jedhan.
Pireezidaanti Saahilawarqi sirna kabaja guyyaa dubartootaa idil addunyaarratti argamuun ergaa dabarsaniiru.
Guyyaan dubartootaa kabajamuun dubartoonni walgahanii akka mari’ataniif carraa kan uumu ta’uu dubbataniiru.
Yeroo ammaa dubartoonni sadarkaa hoggansaa adda addarratti aangeffamuun biyya kan hogganan qabsoo barootaaf taasiifameen bu’aa argame ta’uu kaasaniiru.
Dubartoonnis bakka hoggansaan ramadamanitti ga’umsaan hogganuun dandeettii isaanii qabatamaan agarsiisuu dubbataniiru.
Ammas dubartoota qixa barbaadamuun aangessuun kan hafu ta’uu hubachiisaniiru.
Dubartoota ga’oomsuun magaalaa qofatti osoo hin taane sadarkaa baadiyyaattis damee hundaan irratti hojjetamuu akka qabu himaniiru.
Haleellaa qaamaa fi xinsammuu dubartootarra ga’u ittisuu fi balalleffachuun ga’ee lammiilee hundaa ta’uu akka qabu yaadachiisaniiru.
Taammiraat Bishawutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment