Haleellaa Hospitaala Gaazaatti raawwatameen lubbuun namoota 500 darbuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Haleellaa Israa’eel Hospitaala Gaazaa Al-Ahilii Baabitistitti rawwaateen yoo xiqqate lubbuun lammiilee nagaa 500 darbuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibseera.

Akka ibsa ministeerichatti lammiileen haleellichaaf saaxilaman baay’inaan dubartootaa fi daa’imman ta’uun ibsameera.

Manni Barumsaa deeggarsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin hundeeffame buqqatoota keessummeessaa jirus haleellichaaf saaxilamuun eerameera.

Israa’eel gama ishiin haleellichi rookeettiin Hamaasii fi Hiizboollah irraa dhukkafamee qiyyaafanna isaa irraa maquun hallellaa raawwatameedha jechuun gareewwaan hidhattoota lameen itti gaafaatama fudhachuu qabu jechuun himannicha fudhatama dhabsiisteetti.

Mootummoonni Addunyaa keessumaa haleellaa hospitaalicharratti rawwaatamee hordoffuun mormii dhageessisuu eegalaniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniis , deeggarsi namoomaa akka dhiyaatuuf hatattamaan walitti bu’iinsichi akka dhaabbatu hubachiiseera.

Hiriirri, mormii naannawaa biyyoota Bahaa Giddugaleesatti mul’acha jiraachuu Aljaziiraa fi RT’n gabaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment