Haleellaa fi ajjeechaan dabalataa akka hin raawwanneef gandoota saaxilamoo ta’an keessatti sirni milishaa fi poolisii hawaasaa cimsuu ni hojjetama – Obbo Dammaqee Makanoon

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Lammiileerratti Haleellaa fi ajjeechaan dabalataa akka hin raawwanneef gandoota saaxilamoo ta’an keessatti sirni milishaa fi poolisii hawaasaa cimsuu kan hojjetamu ta’uu Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqee Makanoon ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan haleellaa Godina Qellem Waggallaattii lammiilee nagaarratti raawwatameef gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Gareen Shororkeessaa Shanee ammas haleellaa suukaneessaa lammiilee nagaarratti raawwachuu eeruun, haleellichi dhalattoota sabaan Amaaraa ta’aniirratti kan xiyyeeffatee fi dhalatootta Oromoo haleellicha ittisuuf yaalanirratti kan raawwatame ta’uu eeraniiru.
Mootummaan ummata waliin ta’uun olaantummaa seeraa kabachiisuu eegale cimsee itti fufuu himaniiru.
Lammiileerratti haleellaa fi ajjeechaan dabalataa akka hin raawwanneef gandoota saaxilamoo ta’an keessatti sirni milishaa fi poolisii hawaasaa cimsuu karaa gurmaa’een kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment