Haleellaa birmadummaa Ummatarraatti aggaamamu kamiiyyuu waloon qolachuun barbaachisaadha – Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) – Haleellaa birmadummaa Ummatarraatti aggaamamu kamiiyyuu waloon qolachuun barbaachisaa ta’uu Paartiin Badhaadhinaa waamicha dhiyeesse.
Paartiin Badhaadhinaa seera wixineewwan Diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasa Ityoophiyaarratti dhiibbaa uumuuf qophaa’aa jiran HR 6600 fi S 1399 ilaalchisee ibsa laateera.
Ibsa isaan waggoottaan darban mootummoonni alaa dhimma keessoo Ityoophiyaa seenuun dhiibbaa adda addaa taasiisaa turuu eereera.
Biyyoonni alaa tokko tokko Badii gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaarraan ga’e cinaatti dhiisuun sababa dhiittaa mirga namoomaan maqaa Ityoophiyaa xireessaa jiraachuu ibsichi kaaseera.
Hanga ammaatti dhiibbawwan garaagaraa taasiisuuf yaallamus, tattaaffii hunda galeessa lammiileen Ityoophiyaa biyya keessaa fi alaa, biyyoonni michuu Ityoophiyaa dhugaa biyyattii hubatan taasiisaniin yaalichi fashalaa’uu himeera.
Har’as Ityoophiyaarratti dhiibbaa Diinagdee, Siyaasaa fi hawaasummaauumuuf wixineen haaraan qophaa’uu ibseera.
Humnoonni guddina Ityoophiyaa hin feene wixineen kun akka ragga’uuf olii fi gadi jechaa jiraachuu himeera.
Wixineen HR 6600 fi S 1399 jedhamuun waamaman waraana kaaba Ityoophiyaatti gaggeeffameen abbaan badii eenyu akka ta’e osoo adda hin baasiin, miidhaa namoomaa naannolee Amaaraa fi Afaaritti qaqqabeef beekkamtii kan hin laanne, qaama tokkoof qofa deeggaruun wixinee qophaa’e ta’uu ibsichi kaaseera.
Wixineen Ityoophiyaarratti dhiibbaa qaqqabsiisuuf qophaa’aa jiru kun akka hin raggaane akkuma kanaan duraa tokkummaan dhaabbachuun yaa qolannu jechuun waamicha dhiyeesseera.
Mootummaan dippiloomaasii fayyadamuun dirqama isaa kan ba’u ta’uu ibseera.
Lammiileen Ityoophiyaa biyya keessaa fi Alaa, dhalattoonni Ityoophiyaa fi biyyoonni michuu Ityoophiyaa hundi wixinichi akka hin raggaane hojjechuu akka qaban gaafateera.
Wixineen HR 6600 fi S 1399 jechuun lubbuu lammiilee Ityoophiyaarratti murteessuu akka ta’u hubatamuu qaba jedheera.
Lammiileen Ityoophiyaa waa’ee wixinichaa hubannoo ga’aa osoo hin qabaatin malteedhan deeggaraa jiran badiin kun kan waloo ta’uu isaa hubachuu akka qaban himeera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment